Xurree ittiin seenan

Breaking News

Iraan Keessatti Namoonni Qawwee Hidhatan Nammoota Torba Ajjeesan


Faayilii- Namoonni hidhatan Iraan kibba gama bahaa keessatti namoota 5 ajjeesuu sabaa himaan ibsan
Faayilii- Namoonni hidhatan Iraan kibba gama bahaa keessatti namoota 5 ajjeesuu sabaa himaan ibsan

Iraan keessatii bakka addaa addaatii dhukaasa qawwee banameen milishoota mootummaa lama dabalatee nomoonni Torba ajjeefamuun isaanii Assosheetid Prees gabaasee jira.

Asoosheetid press dhaabataa televijiinii mootummaa Iraan waabefachuudhaan akka gabaasetti Roobii kaleessaa kibbaa-lixa Iraan magaalaa Izeeh keessatti bakka baazaariin geggeesamaa jiruutti dhukaasaa qawee banameeni mucaa durbaa tokko dabalatee namoonni Shan du’anii miseensonii naga eegdootaa fi siviilonni 10 madaa’aniiru.

Karaa biraatin, magaalaa walakkeessaa Isfahan jedahmu keessatti dhukaasaa banameen miseensonni milishaa mootummaa “Baasiij” jedhamee beekamu lama ajjeefamuu isaani kan ibse dhaabbanni oduu mootummaa IRNAn, Namoonii haleellaa lammannuu raawwataan biskileetaa mootaraa akka fayyadaman gabaaseera.

Roobii kaleessaa magaalaa Izeeh bakkaawaan adda addaatii mormiitoonni mootummaa hedduun walti qabamanii dhaadannoo mootummaa balaaleffaatu dhageesisaa, poolisootaa gaazi nama imimaanesu dhukaasan irratti dhakaa darbachaa akka turan kan ibsee dhaabanii Televijiinii mootummaa, nammi tokkoo bakka amantaa garee She’aat irratti adidda qabsiisuu isaa gabaasee jiraa.

Iraan keessatti Ji’oottan lamman darbani fi mormiin itti fufee kan jiruu yemmuu ta’u tarkaanfiin ajjechaa kaleessaa raawatame sun mormii taasifamaa jiruun kan walqabatee ta’uuf dhiisuun isaa addaan hin baanee.

Asosheetid prees rogeeyyota mirgaa namoomaa waabefachuudhaa akka gabaasetti mormii dhiheenyaa kana taasifamaa jiruun walqabatee tarkaanfii umnoottan mootummaa Iraan fudhattaniin namoonni 362 ta’an du’anii namoonni kuma 16 fi 33 ta’an immoo hidhamaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG