Xurree ittiin seenan

Breaking News

Motummaan Maayaanmaar Hidhamtoota Kuma 6 Hidhaatii Baase


FAAYILII - Barsiisaa Awustiraaliyaa Shaan Tarnel Mana Hidhaa Miyanmaar Irraa Gadi Lakkifaman, May 2018. (ISEAS-Yusof Ishak Institute/via Reuters)
FAAYILII - Barsiisaa Awustiraaliyaa Shaan Tarnel Mana Hidhaa Miyanmaar Irraa Gadi Lakkifaman, May 2018. (ISEAS-Yusof Ishak Institute/via Reuters)

Mootummaan loltootaa yeroo amma biyyaa Maayaanmaar burchaa jiru kamisaa har’aa hidhamtootaa kuma 6 mana hidhaatii gad lakkisuu isaa beekisisee jira. Akka dhaabanii midiyaa biyyatti beeksisetti namoottan gadi lakkisaman keessaa lammiilen biyyoottan alaas jiru .

Akkuma Kanaan lammiin Austiraaliyaa Shaan Tarneel, lammiin Jaapaan Tooru Kuboota, lammiin Briteen Viikii Boowmaan fi lammiin Amerikaa Kyaaw Hataay Oo mana hidhaatii bahanii akka biyyatti gad lakkisanii bahan gaafatamuun isaanii gabaasameeraa.

Lammiin Awustaraliyaa hayyuun diinagdee profeeser Shaan Tarneel mana hidhaa keessa kan turan ji’oottan 21f yoo ta’u, nammii kun kan mana hidhaati bahan waligaaltee mootummaa Awustiraaliiyaa fi mootummaa mayaanmaar giduutti taasifameen dhiifataama kennameen akka ta’e mootummaa Maayaanmaar ibseera.

Lammiin Briteen Viikii Boowmaan ambaasaadara Briteen duraan nama turaan yoo ta’u, abba warraa isaanii wajjin akka hidhamani turan beekameera. Lammiin jaappan Tooruu Kubootaa Ogeesaa fiilimmi akka ta’e ibsameera.

Namoottan mana hidhaatii bahan keesaa namii tokko nama hoggantuu biyyatii duraanii Aung Saan Suu kiif gargaaraa turan akka ta’e ibsamee, kabajjii guyyaa biyyaalessaa Maayanmaar ilaachisuudhaan hidhaamtoonni kuma 5 fi 774 akka mana hidhaatii gad lakisamanii turan gabaasameera.

Ardii Eeshiyaatti daarekteera dhaabataa mirgaa namoomaatiif falmu, Hiwumaan Raayit wooch kan ta’an Elaa’in Piirson tarkaanfii hidhamtoota gad lakkisuu kana simatanii adduunyaan hidhaamtootaa hafanis akka hin iraanfanne VOAti himanii jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG