Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgommiin Tapha Kubbaa Millaa Kan Addunyaa Hawwiin Eegamaa Jira: Yaada Kenneme


Qophii Waancaa Addunyaa, Dohaa, Sadaasa 17, 2022
Qophii Waancaa Addunyaa, Dohaa, Sadaasa 17, 2022

Tapha kubbaa milllaa kan waancaa addunyaa Fifaan (FIFA) waggaa Afuur afuriin gaggeessu, barana Qataar keessatti jalqabamuuf guyyaan lama lafa hafee kanatti Itiyoophiyaa keessatti kanneen tapha kubbaa miilaa jaallata qophaa'aanii eeggataa kan jiran ta’uun ibsamee jira.

Xiinxalaan waa’ee Kubbaa Miilaa deeggartoonni jaallatan Mansuur Abdulqeni RSAf akka ibsanti taphii kun hawwii guddaan eegamaa kan jiruu fi sportii addunyaa guddicha jedhanii jiru.

Kun tapha kubbaa miilaa qofa osoo hin taane, ayyaaneeffannaa walii wajiin qoddatanii dha kan jedhan Mansuur nii,tapha waancaa kubbaa milaa addunyaa isa 2014 Biraazil qopheessite irratti Jarmaniin 7-1n Braaziliin injifachuun haala rifaasisaa inni umee irratti muxannoo qabanis dubbatan.yeroo sana uummanni biyyatti gadda guddaa keessatti kufuu argeera, guyyaa 34f Braazil keessan ture jedhan mesur.

Seeneegaal biyyoota Afrkaa keessaa waancaa addunyaa Qataariif abdii gaarii qabdii jedhanii, sadio Maanee hin xabatiin hafuu isaa milkaa’iina seenneegaal irrtti dhiibbaa qaba jedhau Mansuur.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG