Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhalattoonni Affaar Ameerikaa Keessa Jiraatan Akkaataa Qabiinsa Baqattootaa Irratti Hiriira Bahan


Hiriira dhalattoonni Afaar Ameerikaa keessati bahan, Waashingitan Diisii Sadaasa 16, 2022
Hiriira dhalattoonni Afaar Ameerikaa keessati bahan, Waashingitan Diisii Sadaasa 16, 2022

Ertraa keessaa godaananii bulchiinsa naannoo Afaar keessa buufatanii kan turan Afaaronni naannoo galaana Dimaa ilaalchii fi gargraasii ga’an akka taasifamuuf hiriirri gaafatu kaleessa waajiira dantaa alaa fuula duratti ba’amee jira.

Itiyoophiyaa keessa naannoo Sardoo barhalee fi Asaayitaa keessa kanneen bufatanii turan godaantonni kun, kutaa sana keessatti walitti bu’iinsa tureen haala hamaaf saaxilamuu isaanii, kan dubbatan hirmaatonni hiriira kanaa, mootummaan Amerikaa godaantoota kana gara biyya sadaffaatti haala itti geeffaman akka mijeessuuf gaafatan.

Tajaajiilli nyaataa fi wal’ansa fayyaa haala qubsaan dhiyaachu Dhaba irraa jireenyi godaantoota kanaa guyyaa gara guyyatati haala hamaa keessa seenaa akka jiran, seerii godaantootaa kan addunyaa hubatamee tarkaanfiin hatattamaa akka fudhatamuuf gaafatan.

Wal waraansii Itiyoophiyaa kaabaa erga jalqabamee as naannoo akka hamaatti barbada’an keessaa baqattoota Ertraa dheessan hedduun /buufata godaantootaa Afaar keessatti simatamuu isaanii ni yaadata jechuun waahilli keenyaafaan Amaaraa Habtaamuu Siyyuum gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG