Xurree ittiin seenan

Breaking News

Zumaan Hidhatti Deebi’uu Qabu: Mana Murtii


FAAYILII - Pirezidaantii Afrikaa Kibbaa Duraanii Jaakob Zuumaao mana murtii keessatti, Afrikaa Kibbaa, Onkoloolessa 26, 2021
FAAYILII - Pirezidaantii Afrikaa Kibbaa Duraanii Jaakob Zuumaao mana murtii keessatti, Afrikaa Kibbaa, Onkoloolessa 26, 2021

Manni murtii ol’iyyannoo Afrikaa Kibbaa Zuumaan mana hidhaatti akka deebi’u ajajee jira.

Manni murtii ol’iyyannoo Afrikaa Kibbaa wiixata har’a akka jedhetti pirezidaantiin duraanii Jaakob Zuumaa bara darbe mana hidhaa irraa seeraan ala fayyaa isaaniif jecha ehama kennameefii kan ture ta’us adabbii isaa xumuruuf gara mana hidhaatti deebi’uu qaba jedhee jira.

Kan umriin isaanii 80 Zuumaan manni murtiitiin ji'oota 15f akka hidhaman Waxabajjii June 2021 itti muree ture. Kunis jeequmsa lubbuu namaa galaafateef ture.

Garuu sababa fayyaa ammallee ifa hin taaneef dhiifama argachuu isaa dura ji'a lama qofa hidhaman.

Manni murtii kun amma Mr Zuumaan dhiifama yaalaatiin gadhiifamuun isaanii seeraan ala ta'uu murteessee jira,' jedheera manni murtii olaanaa ol'iyyannoo.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG