Namoonni hidhatan maadhee waraanaa fi magaalaa Naayijeeriyaa kaaba bahaa tokko haleeluun loltoota sagal, poolisoota lamaa fi namoota nagaa ajjeesuu maddeen nageenyaa fi jiraattonni Dilbata kaleessaa himanii jiran.
Kunis, jeequmsa yeroo dhiyootti naannoo sanatti mudateen yoo ta’u konkolaataa fe’umsaa qawwee gurguddaan guutame yaabbatanii loltoonni miseensota garee Islaamummaa bulchiinsa Afrikaa Dhihaa ta’uun shakkaman, Jimaata galgalaa fi Dilbata ganama magaalaa Malaam Fatori, kan aanaa Abadam keessatti weeraruun isaanii himan.
Qondaalli waraanaa tokko dhabata oduu Ajaans Fraans Preesiif akka ibsanti, shororkeessitoonni miseensota garee Islaamummaa bulchiinsa Afrikaa Dhihaa kun, Malam Fatori irratti haleellaa raawwatanii badiisa guddaa geessisan.
Maadhee waraanaa haleeluun loltoota achii keessa turan irratti waraana banuun gareen lammaffaan ammoo magaalattii keessatti ajjeechaa fi ibidda qabsiisuutti seene, jedha qondaalli eenyummaan isaa akka hin ibsamne gaafate tokko.
Haleellaa duraa barii buufata waraanaa kanaa fi magaalattii irratti Dilbata darbe raawwataniin, kanneen loola jihaad labsan kun, dhukaatoota darbachuun jiraattota kan ajjeesan yoo ta’u, kaan ammoo baqachuuf yaaluun laga keessatti nyaataman.
Maddeen nageenyaa lama Wiixata kaleessaa akka ibsanitti haleellaa buufataa kanaan loltoonni sagal fi poolisoonni lama ajjeefamaniiru.
Lakkoofsi kun maddi nageenyaa lammaffaan mirkanaa'ee jira.
Forum