Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yakka Waraanaa Sudaan Kibbaa Keessatti Raawwatame Ilaalmuu Qaba: Amnestii


Gamtaan Afrikaa tarkaanfii yeroo dheeraaf eegamaa ture kan mana murtii yakka waraanaa waadaa gale hundeessuun gocha hammeenyaa yeroo waldhabdee dhiiga dhangalaasisee, kan Sudaan Kibbaa waggoota shanii keessatti raawwatame ilaalu hundeessuuf akka yaalauu Amnestii Intarnaashinaal gaafatee jira.

Namoota hammeenya yeroo waraanaa raawwatamaniif itti gaafatamummaa qaban himachuuf 'mana murtii walmakaa' gamtaa Afrikaan durfamu hundeessuun jalqaba bara 2015tti waliigaltee nagaa tolfate bara 2018 tis irratti waliigalame, garuu gonkumaa hojiirra hin oolle.

Mootummaa fi humnoonni finciltootaa yeroo waraana sivilii saba addunyaa kanaa keessatti namoota kuma 400tti dhiyaatan du'an keessatti gudeeddii garee, ajjeechaa sabaa fi loltoota daa'immanii galmeessuun dabalatee yakka fokkisaa raawwataniin himataman.

Amnesii fi Gareen Hojii Haqaa Ce'umsaa Sudaan Kibbaa, tumsi hawaasa siivilii fi gareewwan amantii irratti hundaa'an, gamtaan Afrikaa mana murtii "yakkoota hamaa ardii kana irratti raawwataman" qorachuuf aangoo kennuu qaba jedhan.

"Mana Murtii Walmakaa hundeessuun dhabuun mootummaan Sudaan Kibbaa namoota yakka ciccimoo, kanneen qondaaltota siyaasaa fi waraanaa olaanoo dabalatee, itti gaafatamummaa guddaa qaban itti gaafatamummaa jala galchuuf fedhii siyaasaa qabu agarsiisa

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG