Bulchiinsa naannoo Oromiyaa bakka adda addaa irraa buqqa’anii bulchiinsa naannoo Amaaraa godiina walloo kibbaa aanaa Qaalluu keessaa kanneen jiran mootummaan bakka qubsuuma ka birootti nu geessuuf kokolaataa nu dhiyeessine jechuun himatanii jiru.
Waajirri waltaasisaan wabii nyaataa fi ittisa balaa kan goodiina walloo Kibbaa iyyati buqqaatootaa kun dhugaa irraa fagoo jira jechuu isaa gabaafamee jira.
Waajirri kun akka jedhutti, uummata gidduu fi bakka buufataa keessa kan jiran buqqaatonni kuma 43 ta’an jiraachuu ibsee, kanneen harka 90 ta’an oromiyaa irraa dhufan kun, hanaga har’atti kanneen kuma tokko ta’an gara godiina Sanaa seenaa akka jiran itti gaafatamaa waajirichaa Obbo Mohammad Seeid RSAf ibsuu isaanii Asteer Misgaanaaw Baahir Daar irraa gabaastee jirti.
Forum