Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ugaandaan Looltoota Ishee Kongoo Bahaa Keessatti Bobbaasuuf Akka Jirtu Beeksiifte


Ugaandaan dhuma baatii keessa jirru jechuun Sadaasa keessa loltoota gara 1,000 ta’an Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo gama bahaa keessatti bobbaasuuf jirti. Kunis humnootii kutaa jalatti yoo ta’u, haleellaa finciltootaa irratti kan bobb’an ta’u, dubbi himaan waraanaa Yugaandaa Kibxata kaleessa ibsaniiru.

Naannoon hokkaraan raafamuu kun ji’oota dhiyeenyaa keessa loltoota Koongoo fi garee finciltoota M23 gidduutti lola cimaa arguun isaa, gareen Hawaasni Baha Afrikaa humna naannoo waliinii bobbaasuun jeequmsa kana dhaamsuuf sababa ta’eera.

Loltoonni Keeniyaa sadaasa 12 Kongoo kan seenan yoo ta’u, dubbi himaan waraanaa fi ittisaa Ugaandaa Feeliks Kulayigyee dhaabbata oduu Ajaan Fraans Preesiif akka ibsanti, gareen Ugaandaa yeroo gabaabaa keessatti akka bobba’uuf jira jedhan.

Loltoota keenya dhuma baatii kanaa dura RDKongoo seensisuu keenya dura gorsa dhumaa kennaa jirra, michoota keenya kan biyya Keeniyaa irraa dhufan kanneen duraanuu lafa irra jiranitti makamuuf jiru, jedhan Kulayigye.

Ergama kanaaf loltoota gara 1,000 ergaa jirra,kan jedhan ta’uus guyyaa itti ergamuuf jiran garu hin ibsinee.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:49 0:00
More
XS
SM
MD
LG