Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jiraattonii Kaabaa Itiyoopiyaa Sababaa Waraansaan Adda Bahan Firoottan Isaanii Wajjin Wal-arguu Akka Barbaadan Dubbatan


FAATILII - Magaala Dasee, Naannoo Amaaraa
FAATILII - Magaala Dasee, Naannoo Amaaraa

Jiraatonni Kaaba Itiyoophiyaa godina walloo kaabaa fi magaalaa Allaamaaxaa wali galtee nageenyaa mootummaa feederaalaa Itiyoophiyaa fi mootummaa naannoo Tigraay gidduutti taasifameetti gammaduu isaanii ibsaanii sababa walwaraansichaatin kan ke’e miseensonni maati walharkaa babbadan akka barbaadamanii froottan isaanii wajjin wal argan gaafatanii jiruu.

Jiraataan magaalaa Waldiyaa ergaa obboleesaa isaanii wajjin addaan bahani yeroo dheeraa ta’uu isaa Sagaleen Amerikaatti himuu isaaniitiif jiraataan magalaa Alaamaxaa tokko immoo maatii isaanii dabalatee namoonii hedduun bakkii isaan jiran akka hin beekamenne ibsanii qaamoleen dhimmichii isaan ilaallatu akka isaan gargaaran gaafacuu isaanii gabaasnii Masfin Arragee ibseeraa.

Itti gaafatamaan dhimmaa quunnamitti waldaa fannoo diimaa Itiyoophiyaa Dr. Solomon Ali, dhaabanii isaanii namoottan sababa rakinaa nammii umee fi rakkina umamaatiin kan ka‘e gargar bahanii turan kuma 80 ta’an amma ammatii maatii isaanii wajjin wal quunamsiisuu isaa insanii jiru. Warren amma ammatii wal hin quunnamnesi barbaadanii akka wal agarsiisan Dr. solomoon ibsuun isaanii beekameera .

Itti aantuu itti gaafatamtuu dhimmaa kominikeshinii mootummaa naannoo Amaaraa kan ta’’an aadde Hiilinaa Mebraatuu mootummaan naanichaa wal galtee nageenyaa hojii irra ollchuudhaaf itti dhimmatee akka hojjachaa jiru ibsanii daabilee aduunyaa wajjin ta’uudhaan maatiwaan gar gar bahan walitti debisuudhaaf akka hojjatan ibsaa VOA dhaaf keenna keessatti himuun isaanii beekameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG