Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gargaarsi Namoomaa Kaabaa Itiyoopiyaa Itti Fufee Jira 


FAAYILII _ Namoota nyaata qarqaarsaa dhihaate konkolaataa irraa buusan, ganda Bakar, Naannoo Amaaraa, Adoolessa 29, 2021
FAAYILII _ Namoota nyaata qarqaarsaa dhihaate konkolaataa irraa buusan, ganda Bakar, Naannoo Amaaraa, Adoolessa 29, 2021

Dhaabbileen gargaarsaa mootummoota gamtoomanii kaabba Itiyoophiyaa keessatti jiraattotaa sababa wal waraansaantin qe’ee isaanii irraa buqqa’an, warreen balaa hongeetin miidhamaanif gargaarsa taasisaa jiraachuu isaanii ibsanii jiru.

Dhaabbanii dhimma godaantotaa irratti hojjatu IOM ibsaa fuulaa tiwuutari isaa irratti baaseen Tigraay keessatti hojii lubbuu baraaruu itti fufee jiraachuu isaa beeksiseera. Akkuma Kanaan gargaarsa barbaachisaa midhaan nyaataa hin taanee bakka namoottan qe’ee isaanii irraa buqan qubatanii jiraan naanno magaalaa Shireetti argaman 6 keessatti raabsuu isaa IOM ibsee jiraa.

Dhaabbanni sagantaa midhaan nyaataa adduunyaa WFP gama isaatiin jiraattota Naannoo Affaar sababa hongee fi wal waraansaatiin miidhamanif gargaarsaa taasisaa akka jiru ibseera.

Akkuma Kanaan namoottan kuma 600 fi kuma 50 karaa lubbuu baraaruutiin, namoottan kuma 100 fi kuma 10 karaa midhaan nyaata madaalawaa ta’een akka gargaaraa jiru ibsee, ijoolewwan kuma 96 ta’n immoo karaa mana baruumsaatiin nyaataan gargaaraa akka jiru beeksiseera.

Itiyoophiyaatti daarekteera WFP kan ta’an Kila’uud Jibidaar naanno Affaar keessa rakkoon hamaan jiraachuu isaa dubbatanii, keessumaa rakkinaa bishaanii isaa hamaa ta’ee haala waarii qabeessa ta’een furuudhaaf dhaabbanni isaanii hawaasaa naanichaa fi mootummaa awajjin akka hojjachaa jiru ibsaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG