Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godaanttonii Yunaayitid Iteetis Kessa JIraatan Guyyaa Gaalataa Biyyattii Ayyaaneffatan 


Agarsiisa Ayyaana Taankisgiiviingii Niiw Yoorki, Sadaasa 24, 2022.
Agarsiisa Ayyaana Taankisgiiviingii Niiw Yoorki, Sadaasa 24, 2022.

Godaantonni haaraan bakkaawan adda addaatii barana Yunaayitid isteetsiin seenanif naannoo Waashingiton Diisii, Meeriilaandi fi Vejiniyaa qubatan yeroo jalqabaatiif sirnaa kabajjii guyyaa galateeffannaa ykn Thanksgiving irraatti hirmaatanii jiru.

Ji’a Hagayyaa bara 2021 kaasee Ergaa gareen Taalibaan mootummaa biyyatti dhuunfatee as nagenyaa isaaniitiif jechaa garaa yunaayitid Isteets kan dhufan lammiiwaan Afgaanistaan kumaan lakkaawaman, wareen guyyaa kana kabajaa jiran keessaa isaan tokko. Godaantonni Afgaanistaan kun rakkinaa biyya isaanii keessa jiru keessaa bahanii asitti argamuu danda’uu isaaniitif galateeffatanii jiru.

Sirna kana irratti nyaannii adda dhihaatu foon akaakuu Gogorrii “Tarkii” jedhamu yemmuu ta’u godaantota haraan yeroo jalqabaatiif foonichaa nyaatan keessaa nammii Afgaanistaan irraa dhufan Naaziifaa Kaariimzai nyaatichaa akka jaallatan,

“ dhugaadhumanan itti gammadee jira. Nyaatichii hedduu gaariidhaa. Yemmuum Tarkii Nyaadhuu anaaf yeroo jalqabbati” jechuudhaan hibsanii jiru.

Sirnaa guyichaa waliin kabajuu kana kan qopheessan keessaa tokkoo dhaabataa godaantotaa keessumeesu “Ethiopian Community Development Council” jedhamee beekamuu irraa oboo Tsahaay Tafaraa akka kabajii giyyichaa irratii yaadaa kennanin, “Akka bu’uuratti, Ayyaanaa Amerikaa isaanii wajjin qooddachaa jirra. Akka nyaataa isaanii waljijjiranif hawaasaalee godaantotaa keessumeesan kanneen naannoo kenyaa jiran walti fidhuudhaaf yaalaa jirra. Yaadaa isaaniis wal jijjiruu danada’u. Hiryummaa waljijiruu danda’u” jedhaniru.

Guyyaan galateeffannaa erga jalqaba bara 1600 kaasee ji’a sadaasaa keessaa guyyaa kamiisaa isaa turban afuraffaa keeasa jiru irratti guutummaa Yunaayitid keessati kabajamee kan ooluudhaa.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG