Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Somaaliyaa Hidhattootaa Al shabaab Ajjeesuu Isaa Beeksise  


FAAYILII - Hidhattoota Al-shabaab qarqara Magaala Moqaadishootti, Mudde 8, 2008

Mootummaan somaaliyaa tarkaanfii haleelaa garee Al shaba irratti fudhaateen hidhatootaa garichaa 49 ajjeesuu isaa maddi oduu Rooyiters gabaaseera.

Mootummaan somaaliyaa bakkawan garee hidhatootaa Al shabaabin qabamani jiran bilisoomsuudhaa duulaa taasisaa jirachuu isaa kan ibsee gabaasin Rooyiters, umnoottan mootummaa, milishoonni gosaawwanii fi waraanni gamtaa Afrikaa direewwan adda addaa irratti loltootaa Al shabaabi wajjin ji’ootan sadan darbanif wal lolaa akka jiran beekiseera.

Jiraattonni aanaa Afgooyyee moqaadishoo irraa kiloomeetirii 25 fagaatanii jiran qibxata deengaddaa galgalaa sagalee dhukaasaa gurguddaa dhagahuu isaanii himanii, dhoohiinsaa boobii xiyyaaraa sanaan midhaan qaqqabe ammam akka ta’e akka hin beeknee dubbatanii jiru.

Waraanni yuunaayitid Isteets haleellawan xiyyaaraa Somaaliyaa keessatti kan taasisaa turee yemmuu ta’u haleellaa gaafa Qibxataa taasifamee irratti garuu akka hin hirmaanne Rooyiters ibsera.

Forum

XS
SM
MD
LG