Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoggantoonnii Marii Araaraa Tigraay Deeman 


Prezidaantin Naayijeeriyaa Duraanii Oluseegun Obasanjo Maqalee yeroo seenan, Sadaasa 25, 2022
Prezidaantin Naayijeeriyaa Duraanii Oluseegun Obasanjo Maqalee yeroo seenan, Sadaasa 25, 2022

Gaafa Afrikaatti bakkaa bu’aan addaa gamtaa Afrikaa fi Hogganaan marii nageenyaa mootummaa feederaalaa Itiyoophiyaa fi mootummaa naannoo Tigraay giduutti faasifamee, prezidaantin Naayijeeriyaa duraanii Oluseegun Obasanjo fi Itti aantun prezidaanti Afrikaa kibbaa duraanii Fuumiziili Milaamboo Nigichuka kamisaa kaleessaa nannoo Tigraay magaala maqalee dhaqanii jiru.

Miseensa garee marii nageenyaa mootummaa naannoo Tigraay kan ta’an Obbo Wandimmuu Asaminewu akka miidiyaalee naannichaa ti himanitti kaayyoon daawwaannaa garee obasanjoon hogganamuu akkaataan adeemsaa waligaltichaa akkamitti akka hoojii irra olaa jiru hubachuudhaf .

Dhimma kana irrati ibsa kennamee irraa akka hubachuun danda’ameetti, ajajjidoonni waraanaa gareewwan lammanii guyyoottan lamman ykn guyoottan sadan dhufan keessatti magaalaa Shire keessatti walarganii dubbatu.

Dhimoottan biro irratti yaada kan kennan Obasanjoon wa’ee waraanni Eertiraa Tigraayin gad lakkisee bahu irrattis dubbachuu isaanii Mulugeetaa Atsibahaa Maqalee irraa gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG