Xurree ittiin seenan

Breaking News

Poolisiin Maalaawii Awwaalcha Jumalaa Biyyattiitti Argameen Wal-qabatee Ilma Budeenaa Prezidaatii Duraanii Hidhe 


FAAYILII - Reeffa jimilaa namootaa 26 godaantota Itoophiyaa ta'uu malan jedhamanii Maalaawii keessatti argame, Onk. 21, 2022.
FAAYILII - Reeffa jimilaa namootaa 26 godaantota Itoophiyaa ta'uu malan jedhamanii Maalaawii keessatti argame, Onk. 21, 2022.

Dhimmaa reenfwwan awwalchaa jimilaa keessaa argamaniinn walqabatee ilmaa buddeenaa prezidaanti biyyatti duraanii too’annoo jala olchuu isaa poolisiin Maalaawii beeksiiseeraa.

Mucaan haadha warraa prezidaanti Maalaawii duraanii Piter Mutihaarikaa kan maqaa Taadikiraa Maafubizaatiin beekamuu kan qabame dhimma namoottan seeraan ala daddabarsuu keesaa harkaa qaba jidhamee shaakamuudhaan akka ta’e kan himaan dubbi himaa poolisii Maalawii Piter kallayaa, awwaalli jimlaa kutaa Mziimbaa jedhamuu keessatti argamee kan namoottam 30 akka ta’eef kan lamiilee Itiyoophiyaa warren gara Afrika Kibbatti hojii barbaachuudhaaf adeemaa yuranii akka ta’uu hin oolle himuun isaanii gabaasameeraa.

Qorannoo jalqabaa taasifaameen waraqa yeroo kan karaa ittiin adeeman fi Siimii bilbilaa harkaa kan Itiyoophiyaa reenfaa namootaa sana wajjin argachuu isaanii haanga’oonii ibsaniiru.

Dubbii himaan poolisii maalawii qorannoo ogeessota fayyaa akkaataa namoonii sun itti du’an agarsiisu irratti yaada kennuu akaa hin barbaanne VOA ti himaniiru.

Dhimichii prezidaanti duraanii Mutihaarikaa wajjin walqabachuuf dhiisuu isaa irratti poolisiin wantii jedhe hinjiru.

Dubbi himaan Paartii prezidaantii duraanii kan ta’anii fi al tookko tokkoo maatii prezidaantii duraanii bakka bu’uudhaan kan dubbatan Shaadreek Namalomba hidhamuu mucaa buddeenaa Prezidaantii duraanii irratti yaada kennuu akka hin barbaanee himaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG