Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hedduuminni Lakkoobsa Uummataa Yaaddeessaa Ta’a Dhufeera


FAAYILII- Gabaa magaala Leegos, Naayijeeriyaa, 2019.
FAAYILII- Gabaa magaala Leegos, Naayijeeriyaa, 2019.

Lakkoofsi ummata addunyaa biiliyoona 8 kan gahe yoo ta’u, hanga bara 2050tti dabaluun baay’ina lakkoobsa ummataa walakkaa ol biyyoota saddeet irraa kan dhufu ta’u,Tokkummaan Mootummootaa baatii kana keessa beeksisee jira.

Saddeettan kana keessaa shan Afrikaa keessaa kan argaman yoo ta’u, waggaa 28 booda jechuun bara 2050tti, Naayijeeriyaan hedduminni ummataa ishee dachaa lamaa dabalee gara miliyoona 400tti guddachuuf jira.

Kun immo addunyaa irratti hedduumiina lakkoobsa uummataan sadarkaa sadaffaa irratti akka argamtu taasiisa jedhamee eegama.

Osoo karoora lakkoobsa maatii sirrii hin ta’e hon jiru taanaan guddinni lakkoobsa uummataa kan akkasii itti fufiinsa akka qabaatu hayyonni akeekkachiisanii jiru.

Dhaabatii Tokkummaa Mootummootaa kan Populeeshiin Fand jedhamu akka jedhutti, bittaa meeshaalee karoora maatii fayyadamaniif maallaqni kennamuu xiqqaachuun, loogii aadaa fi “ol’aantummaa dhiiraa tarkaanfiiwwan karoora maatii fudhatamuu qaban irratti dhimmoota dhiibbaa geessisan keessaa gurguddoodha jedha.

Baayyinni uummataa keessumaa Afrikaa keessatti dabalaa deemuun waan itti fufuuf jecha Tokkummaan Mootummootaa yaaddoo isaa ibsaa jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG