Itiyoo Teeleekom guyyoota muraasa dhufan keessatti tajaajila bilbilaa magaalaa Shiretti deebisuuf hojjechaa jiraachuu RSAf ibsee jira.
Itiyoo Teeleekom keessatti hogganaan komunikeeshinii kan ta’an obbo Masaay Wubisheet RSAf akka ibsanti, guyyoota muraasa booda tajaajila bilbilaa deebisuuf hojiin sarara iddotti deebisuun adeemsifamaa jira.
Kana malee, magaalota Adwaa fi Aksuum keessatti tajaajilli bilbilaa deebisuuf carraaqqiin taasifamaa jira jedhan. Garu jedhan Obbo Masaay ammaaf tajaajilli bilbilaa qofti kan deebi'u yoo ta'u, tajaajilli interneetii immoo yeroo dabalataa barbaada jedhan.
Forum