Xurree ittiin seenan

Breaking News

Nagaan Hudaaf :Mata Duree Hiriira Nagaa Maqalee Keessatti Gaggeeffame


FAAYILII - Magaala Maqalee
FAAYILII - Magaala Maqalee

Dhukaasa dhaabuuf mootummaa Itoophiyaa fi ABUT gidduutti waliigalteen tolfame yeroo dhiyootti gara mana barumsaatti deebi’uu akka danda’an gochuu mala abdii jedhu kan qaban dargaggoonni fi kanneen biro hedduun magaalaa Maqalee keessatti hiriira nagaa ba’aniin ibsanii jiru.

Tigraay keessatti erga bara 2020 wal waraansii ka’ee as waggoota lamaa oliif manneen barnootaa fi tajaajiloonni biroo hedduun cufamanii jiru.

Hiriira ‘Nagaa Hundaaf’’ jedhu FI magaalaa Maqalee keessatti sambata darbe gaggeffame kana Waldaa Misooma Tigraay ykn (TDA) fi garee sarkas Tigraay jedhamu kan biyya keessaatti beekamaa ta’e waliin qopheessee jira.

Hirmaattota 600 ta’an kanneen Orkeestiraa poolisiin durfamu magaalattii keessa hiriiran keessaa daa’imman gara 200 ta’an sarkasii fi maarshaal aartii agarsiisan turan.

Itti aanaan daayreektarri olaanaa waldaa misooma Tigraay kan ta’an obbo Tasfaahuneeny Haayle Maariyaam akka jedhanitti, walii galteen nagaa qaamota wal lolan lamaan gidduutti tolfame ummata Tigraayiif murteessaa dha.

Barsiisaan fi Barreessaa Sarkas Tigraay kan ta'an Iyobb Birhanee abdii nagaaf qaban ibsanii waliigalteen nagaa kun tolfamuus, hoji irra oolfama isaa irratti wanti mirkanaa’e hin jiru jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG