Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hidhattoota Keenya Adda Waraanaa Irraa Deebisaa Jirra:Jeneraal Taaddasaa Warradaa


Hoggantoonni waraanaa waliigaltee yeroo mallateessan, Naayiroobi, Sadaasa 12, 2022
Hoggantoonni waraanaa waliigaltee yeroo mallateessan, Naayiroobi, Sadaasa 12, 2022

Waliigaltee dhukaasa dhaabuu erga taasifamee ji'a tokko booda humnoota finciltoota Tigraay 100 keessaa harkii 65 adda waraanaa irraa deebi’uu isaanii Ajajaan olaanaa isaanii Jeneraal Taaddasee Warradee ibsanii jiru.

Humna keenya toora waraanaa irraa addaan baasuu fi bakka biraatti jijjiiruu jalqabneerra. Harkii 65 adeemsa kana keessa darbanii, sarara waraanaa irraa adda ba'anii bakka murtaa'etti ce'aniiru jedhan Jeneraal Taaddasaa Worede, sambata dabree gaazexeessitootaaf ibsaniiru.

Muummichi Ministeeraa Abiy Ahmad hoggansi Tigraay kaampii waraana federaalaa irratti haleellaa raawwate jechuun himatanii bara 2020 waraana gara naannichaatti ennaa ergan, aanga'oonni Tigraay ji'ootaaf bulchiinsa giddu galeessaa mormaa turan.

Waldhabdeen Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF) fi humnoota deggertoota Dr. Abiy kan milishoota naannoo fi waraana Eertiraa of keessatti hammate -- du'a lakkoofsaaan hagana hin jedhamne kan geessise yoo ta'u, namoota miliyoona lamaa ol qe'ee isaanii irraa dirqisiisee fi kuma dhibbaan kannen lakkaa'aman qarqara afaan beelaan ga’e.

Ammallee ''humnoonni nagaa hin barbaanne'' naannoo jiru kan jedhan Jeneraal Taaddaseen, hanga balaan kun hir'atutti loltoonni isaanii dhiibbaa dhibbatti hin hiikkatan jedhan.

Loltoonni keenya ''meeshaa waraanaa gurguddaa keenya walitti qabuun naannoo tokko keessa kaa'uu jalqabaniiru'' jedhanii, yeroo ammaa to’attonni ykn taajjabdoonni addunyaa lafa irratti hin argamne jedhan.

Gargaarsi gara Tigraayitti erguu kan jedhu, wal waraansa waggoota lamaaf namoota lakkoofsaan hagana hin jedhamne ajjeesee fi rakkoo namoomaa hammeesse xumuruuf dhimmi ijoo waliigaltee tilfamee ture jedhan.

Naannoon Tograay yeroo waggaa tokkoo caalaaf addunyaa irraa adda baafamee kan ture yoo ta’u, hanqinni qorichaa ykn dawaalee hamaa fi qaqqabummaan eleejtrikaa daangeeffamee akkasumas tajaajiila baankii fi qunnamtii daangeffametu isa mudatee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG