Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Keessatti Waliigalteen Mallatteeffamee Jira


Jeneraalonni Sudaan kanneen biyya bulchaa jiranii fi gareen guddaan dimokiraasii leellisuu hanga filannootti waliigaltee bu’uuraa mallatteessan, Muddee 5, 2022
Jeneraalonni Sudaan kanneen biyya bulchaa jiranii fi gareen guddaan dimokiraasii leellisuu hanga filannootti waliigaltee bu’uuraa mallatteessan, Muddee 5, 2022

Jeneraalonni Sudaan kanneen biyya bulchaa jiranii fi gareen guddaan dimokiraasii leellisuu hanga filannootti waliigaltee bu’uuraa kan mallatteessan ta’uus, mormitoonni ijoo ta’an waliigaltee kana keessaa hafanii jiran.

Waliigalteen kunis, mootummaa ce’umsaa haaraa, kan siiviiootaan durfamu hundeessuun akka biyyattii gara filannootti qajeelchu waadaa kan seene yoo ta’u, fonqolcha mootummaa Onkoloolessa 2021 booda Sudaan gara dimokiraasiitti ce’uun danqamuu ishee hordofuun daandii gara fuulduraa kan dhiyeessudha.

Waliigalteewwan karoorfaman yoo xiqqaate lama keessaa waliigalteen kun - isa jalqabaa yoo ta’u, jeneraalota olaanoo Sudaan lamaa fi garee guddicha dimokiraasii deggeru, Humnoota Bilisummaa fi Jijjiiramaa giddutti Wiixata har’a Kaartuum keessatti mallatteeffame.

Garuu Sudaan keessatti kanneen ijoo ta’an hedduun waliigaltee kana irraa of ugguranii jiru. kanneen keessaa Sudaan keessatti caasaan deggersa dimokiraasii hordoofu, kan itti fufiinsaan jeneraal biyya bulchaa jiru waliin mari’achuu didees keessatti argama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG