Xurree ittiin seenan

Breaking News

Masjiida Naayjeriyaa Keessaa Namoota Butaman Barbaadaa Jirra: Polisii


FAAYILII - Paarlaamaa Naayjeriyaa, Ebla 28, 2022
FAAYILII - Paarlaamaa Naayjeriyaa, Ebla 28, 2022

Namoota afur Samabata galgala masjiida keessaa namoota hidhataniin butaman 4 baraaruun yoo xiqqaate namoota 13 dabalataan ammallee achi buuteen isaanii dhabaman barbaadaa jiraachuu Poolisiin Naayijeeriyaa kan kutaa kaaba dhiha Katsina beeksisee jira.

Dubbi himaan poolisii kutaa Katsina Kaaba dhiyaa Gambo Isaah Wiixata har’a akka jedhanitti, namoonni haleellaa masjiida irratti raawwatame irraa dhabaman kun irra caalaan isaanii dhiirotaa fi ga’eessota ta’uu ibsaniiru.

Namoonni qawwee qaban kan mootar saayikiliin deemaa kan turan Smabata dabree galgala Masjiida Funtua keessatti namoota salaataa turan irratti haleellaa bananii Imaamaa fi nama biraa tokko rasaasaan rukutan.Iddoon kun Abuja irraa gara kaabaatti gara sa’aatii jahaa fagaata.Kanneen lubbuun hafan lama immo hospitaala naannoo sanaatti yaalamaa jiru.

Midiyaan naannoo akka gabaasanti namoonni 40 caalaan amma iyyu eessa buteen isaanii dhabamaee jira.

Haleellaan kun mootummaan prezidaant Muhammadu Buhaarii kan prezidaanticha bakka bu’u Fulbaana filachuu dura nageenya fooyyessuu akka qaban dhiibbaa irraan ga’aa jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG