Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Afrikaa Kibbaa Balleessaa Hin Qabu Jedhu


Pireezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa walgahii koree hojii raawwachiiftuu biyyoolessaa Kongiresii Biyyoolessaa Afrikaa Johaannesbarg keessatti gaggeeffamaa jiru irratti argamu, Mudde 5, 2022
Pireezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa walgahii koree hojii raawwachiiftuu biyyoolessaa Kongiresii Biyyoolessaa Afrikaa Johaannesbarg keessatti gaggeeffamaa jiru irratti argamu, Mudde 5, 2022

Pirezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa walgahii koree hojii raawwachiiftuu paartii bulchaa jiruun himannaa badii naamusa raawwachuu fi kakaa aangoo cabsuu danda’u irratti mari’achuuf Wiixata eegamaa jira.

Maallaqni biyya alaa hedduun qonna bineensota dhuunfaa Raamaafoosaa keessatti dhokatee akka turee fi maallaqni bara 2020 yeroo hatame akka bade gabaasuu dhabuu isaaniin waliin himannaan dhiyaatee fi qorannaan gaggeeffame wal qabata.

Raamaafoosaan badii raawwachuu isaa kan haalan yoo ta'u, yakka kamiinuu hin himatamne. Maallaqni hatame kun galii gurgurtaa Gafarsa irraa argamee yoo ta’u, doolaara miliyoonaan lakkaa'amu kan yeroo hanni baatii waxabajjii keessa ifa ba'e jedhame irraa baayyee xiqqaa ta'uu ibsanii jiru.

Raamaafoosaan Dilbata kaleessaa akka jedhanti, walgahii koree hojii raawwachiiftuu biyyoolessaa kan Kongiresii Biyyoolessaa Afrikaa irratti akka hirmaatan ibsuun murtee isaa akka fudhatan ibsanii jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG