Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa Raashaan Yukreen Irratti Gaggeesitu Gad Bu’aa Jira: Briiteen


Konkolaataa waraanaa Yukireen ganda Zariknee naannoo Donetiski keessatti, Muddee 2, 2o22
Konkolaataa waraanaa Yukireen ganda Zariknee naannoo Donetiski keessatti, Muddee 2, 2o22

Ministeerri Ittisaa Biriteen wiixata har’a akka jedhetti lakkoofsi imala xiyyaaronni waraanaa Raashiyaa Yukireen irratti gaggeessan “baay’ee hir’ateera” gara tarii guyyaatti imala kudhan ta’uu danda’a jedhee jira.kunis isa ol’aanaa ture guyyaatti hanga 300 ta’uu isaatiin wal bira qabamee yoo ilaalamu.

Ministeerri kun odeeffannoo basaasaa isaa kan tiwiitara irratti maxxansee irratti Raashiyaan xiyyaarota baallee dhaabbataa qaban 60 ol akka dhabde ibseera.

Ergamni hir’achuun kun, “bu’aa ittisa qilleensaa Yukireen irraa dhufu itti fufee jiru, fi sa’aatii balalii xiyyaaronni Raashiyaa irratti daangeffamuu akksumas haala qilleensaa hammaataa dhufuu irraa kan madde ta’uu hin oolu” jedheera.

Prezidaantiin Yukireen Volodimyr Zelenskii Dilbata kaleessaa haasawa guyyaa guyyaa taasisaniin Yukireen waan Raashiyaan hin qabne qabdi jedhan. Of irraa Raashaa faccisaa jiraachuun keenya kaka'umsa jabaa nuuf kenna. Bilisummaaf waan qabsoofnuuf sun yeroo hunda humna qabnu dachaa dabala. Dhugaaf falmina kunis addunyaa guutuu dhimmi Yukireen ilaalchisee tokko taasisee jedhan Zalanskiin.

Ministirri Dhimma Alaa Yunaaytid Osteetis Antonii Bliinkan Dilbata kaleessaa akka jedhanitti, baasii qoqqobbii biyyoota dhihaa Raashiyaa irratti kaa’an guyyaa guyyaan dabalaa waan jiruuf, Moskoo waraana Yukireen waliin taasisaa jirtu tarkaanfachiisuuf meeshaa waraanaa ishee guutuuf caalaatti rakkisaa itti ta’eera.

To’annoo daldalaa Ameerikaa fi michoota isheetiin kaa’ameen, Raashiyaan kutaalee waraanaa Yukireen keessatti barbadaa’an ykn yeroo tokko tokko humnoonni Moskoo fuula duratti duubatti deebi’uu isaaniitiin kan gataman bakka buusuuf meeshaalee waraanaa dabalataa barbaachisu biyya alaatii galchuu hin dandeessu jedhan Blinkan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG