Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yukireen Bahaa Keessatti Lolli Hamaan Itti Fufee Jira


Tiraansfoormarii haleellaadhan abiddi itti qabate, Doneskii, Yukireen, Muddee 6, 2022
Tiraansfoormarii haleellaadhan abiddi itti qabate, Doneskii, Yukireen, Muddee 6, 2022

Humnoonni Yukireen haleellaa Raashiyaa marsaa haaraa gama bahaatti jalqabame of irraa ittisuu jalqabaniiru. Jeneraalli Yukireen tokko akka jedhanitti haleellaa Misaayilaa Mooskoo kan humna ibsaa addaan kutette kan dhiyeenyaatti aansee teekinishaanonni humna ibsaa bakkatti deebisuuf tattaafataa jiran.

Loltoonni Raashiyaa naannoo Donetsk naannoo Bak-hmut fi Avdiviikaaa keessatti haleellaa isaanii wal irraa hin cinne itti fufuu isaanii, Jeneraalichi Mudde 6 akka ibsanitti Soledar, Verkhnokamyanske, Andriyivka, fi Yakovlyivka dabalatee haleellaan boombii taankii fi meeshaa waraanaa qubsuma naannoo sana keessa jiru gara 20 haleelnii jiru jedhan.

Pirezidaantiin Yukireen Volodymyr Zelenskiy haasawa guyyuu Mudde 5 galgala.dhageessisaniin haleellaa Raashiyaan raawwatteen namoonni afur du’uu isaanii beeksisaniiru. Garuu ummanni keenya gonkumaa abdii hin kutatu jedhan


Misaa’ela Raashiyaatiin dhaabbileen humna elektiriikaa biyyattii erga haleelamee booda walakkaa magaalaa-tti kan ta’u guyyoota dhufaniif ibsaa malee akka turu bulchaan naannoo Kiiv himaniiru.

Gama biraan, Rooyitars akka gabaasetti bulchiinsi Pirezidaanti Yunaayitid Isteetis kan Joo Baayiden Mudde 8 hoggantoota dhimmootii boba’aa fi gaazii waliin walgahii gama viidiyoon waamuun akkaataa Waashingitan bu’uuraalee caasaa enerjii Yukireen deeggeruu danda’u irratti mari’achaa jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG