Xurree ittiin seenan

Breaking News

Taphattuun Kubbaa Kachoo Ameerikaa Biritinii Giraayiner Mana Hidhaa Raashaa Keessaa Baateetti


Faayilii -Britinii Giraayiner
Faayilii -Britinii Giraayiner

Garee kubbaa kaachoo dubartootaa Yunaatitid Isteetsf kan kan tapachaa turteefi ji’ootan kurnan darbaanifi mana hidhaa Raashaa keessa kan turtee lammiin Yunaayitid Isteets Biritinii Giraayiner mana hidhaati hiikamtee garaa biyya isheetti akka imala jirtu beekameeraa.

Waligaltee hidhamtootaa wal jijjiruu mootummaa yunaayitid Isteets fi Mootummaa Raashaa gidduutti taasifameen Yunaayitid Isteets lammii Raashaa sababa gurgurtaa meeshaa waraanatiin walqabateen hiitee turte Viiktoor Boowut gad lakkisuun ishee beekameera.

Prezidaantiin Yunaayitid Isteets Joo Baayiden, Biritinii Giraayiner wajjin dubachuu isaanifi gara biyyatti deebi’uudhaaf xiyyaara keessa akka jirtu fuulaa Tiwwutarii isaanii irratti ibsanii jiru.

Yeroo lama meedaliyaa warqee Olompiikaa kan argatte Biritinii Giraayiner ji’a fulbaanaa darbee yemmuu magaalaa Mooskoo seentu zayitiin baala sammuu namaa adoochuu irraa hojjatame harkatti argameeraa jechuudhaan buufata Xiyyaaraa irraa mootummaa Raashaatin qabamtee egga hidhamtee booda, Hagayya darbee adabbiin hidhaa wagga Sagalii irratii murtaa’uun isaa gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG