Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Chaayinaa Sa’ud Arabiyaa Daawwatan


SAUDI-CHINA-POLITICS-DIPLOMACY
SAUDI-CHINA-POLITICS-DIPLOMACY

Prezidaantin Chaayinaa ji Jinpiing kamisa har’aa yemmuu Sa’ud Arabiyaa seenan mootiin mootummaa Sa’ud Arabiyaa Mohaamad Biin Saalmaan simannaa guddaa akka taasisaniif dhaabanni oduu Rooyiiters gabaasee jira.

Akka Rooyiters gabaasetti xiyyaarri Prezidaantin Chaayinaa erga daangaa Sa’udii seenee jaqabee xiyyaarota waraanaa sa’udiitin samii irraatti kan simatame yoo ta’u, ergaa prezidaantichii sa’udi gahanii boodas ulfina isaaniitiif jechaa dhukaasinii meeshaa waraanaa al 21 dhageesifamee jira.

Daawwannaan prezidaanti Chaayinaa walti dhufeenyaa biyyoottan Araabaa fi Chaayinaa gidduu jiru gara gulantaa haaraatti olgudiisuuf akka ta’e haanga’oni mootummaa Chaayinaa ibsanii jiru.

Chaayinaa fi Sa’ud Arabiyaan geejibaa fi Ejaarsa adda addaa dabalatee waligaltee dhimmaa Inveestimentii 34 kanaan duraa kan mallateesan yemmuu ta’u, daawwannaa prezidaantii Chaayinaa ammaa kana hordofuudhaan waliigalteen misoomaa doolaara biiliyoonii 30 ta’u akka mallateefamu gabaasameera.

Yunaayitd Isteets walti dhufeenyaa biyyoottan Arabaa fi Chaayinaa dhiyeenyatti hordoofaa akka jirtuu kan ibsee gabaasnii Rooyiters, Sa’ud Arabiyaa fi biyyootan Arabaa biroo, kan akka Yunaayitid Arab Imereets, dhimmi isaanii diinagdeedhaaf nageenyaa biyya isaanii irratti hojjachuu malee biyyoottan aangoo qabeessa ta’an gidduu galuu akka hin barbaanne ibsuu isaanii gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG