Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawoonni Mootummaa Yunaayitid Isteets Dhimma Afrikaa Irratti Ibsa Kennanii Jiru


U.S. Department of State logo
U.S. Department of State logo

Ministeera dhimmaa alaa Yunaayitid Isteetsti itti aantuu itti gaafatamtuu dhimma Afrikaa kan ta’an Moolii fii fi mana maree nageenyaa biyyaalesaati daarikteera dhimmaa Afrikaa kan ta’an Juud Devermoont waa’ee biyyoottan Afrikaa Saaraa gadi irraatti imaammata Yunaayitid Isteets hordoftuu fi walga’i hoggantootaa Afrikaa Waashingtoon qopheesuuf deemtu ilaachisee ibsa kennanii jiru.

Ibsa karaa marsaariititin kenname kana irratti walgahiin Yunaayitid Isteets fi Afrikaa,Yunaayitid Isteets Afrikaa irratti Ijjannoo qabduu kan itti haaromsituudhaa kan jedhan Juud Devermoont, walga’ichii akka milkaa’ina argatuuf hoggantootaa biyyoottanii, gamtaa Afrikaa fi dhaabbilee haawaasaa wajjin mariin taasifamaa jiru gaarii akka ta’e ibsaniiru.

Kabaja gamtaa Afrikaatiif qabanu irraa kan ka’e biyyoottan fonqolchaa aangootiin walqabatee miseensummaa gamtaa Afrikaa keessaa uguraman walgahii kana irratti akka hin affeeramnee kan ibsan haanga’onni mootummaa Yunaayitid Isteets biyyoottan sun akka sirna diimokiraassitti deebi’an gochuudhaaf kophaatti akka wajjin hojjatan ibsuu isaanii, ibsichaa kan hordofee gabaasaan VOA Kenedii Abaatee gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG