Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministriin Haajaa Alaa Birteen Naannoo Affaar Daawwatan


FAAYILII: Jiraattotaa fi hidhattoota mana haleellaa qilleensa irraatin barbadaahe bira dhaadhaabbatan, Kasagitaa, Afaar
FAAYILII: Jiraattotaa fi hidhattoota mana haleellaa qilleensa irraatin barbadaahe bira dhaadhaabbatan, Kasagitaa, Afaar

Ministriin dhimma alaa Biriteen James Kileverlii fi UNICEFtti bakka bu’aan Itiyoophiyaa Jiyaan-firaankoo Rotig-liyaanoo hongeen daa’immanii fi maatii irra miidhaa inni geessisee fi deebii yeroo hatattamaa UNICEF xiinxaluuf jecha naannoo Affaar daawwatanii jiran.

Ministriin dhimma alaa UK Tigraayiin dabalatee gargaarsi nyaataa kan hatattamaa guutummaa biyyattii keessatti raabsuuf konkolaataa fe’umsaa deggersa maallaqaa UKAIDn deggeraman hawaasa naannoo Affaariif gargaarsa dhaqqabsiisaa jiran.

Ministriin dhimma alaa Biriteen fi bakka bu’aan UNICEF kun naannoo Affaar aanaa Dubitiitti kan argamu garee fayyaa fi nyaataa bakkaa bakkatti sosso’u daawwataniiru.

UNICEF waajjira eegumsa fayyaa naannoo Affaar waliin ta’uu dhaan garee nyaata madaalamaa fi fayyaa bakkaa bakkatti wosso’u 36 bobbaasuu dhaan waaltaaleen eegumsa fayyaa dhaabbataan bakka hin jirree fi dhaqqabuuf naannoo rakkisaa ta’e keessa maatiiwwan jiraataniif tajaajila bu’uuraa kan lubbuu oolchuu fi fayyaa akkasumas kan nyaata madaalamaa kenna.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG