Jarmayaan Fayyaa Addunyaa Afrikaa keessatti namoonni COVID-19 qabaman lakkoobsi isaanii hanqachuu kan itti fufan ta’us weerarri vaayrasii koroonaa akka hin dhumanee fi uummanni dammaqinaan eeggachuu akka qaban akeekkachiisee jira jechuu dhaan Liisaa Shilaayiin Jenevaa irraa gabaasteetti.
Dhiheenya kana torbaneen afurii as dhibeen COVID-19 deebi’ee mul’achuutti aansee, Afrikaatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii fi du’anii ammas gadi bu’aa jira. Erga lakkoobsi kun dabaluun ji’a tokkoof ture kun
Sadaasa 20 xumuramee as, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa namoota haaraa vaayirasichaan qabaman 12,300 0l ol galmeessee jira, namoonni 50 ammoo du’aniiru.
Afriikaaf Daarektarri WHO kan naannoo Matshidiso Mo’etii akka jedhanitti, lakkoofsi kun erga bara 2020 weerarri vaayrasii koroonaa jalqabee sadarkaa isaa isa gadi aanaa irra jira.
Moo’eetiin waggoota sadan darban keessatti invastimantiin COVID-19 ilaalchisee ba’e, bu'aa kan argamsiise yoo ta'u, naannichi vaayirasicha dandamachuu danda'eera jedha. Lakkoofsi siree kutaa wal’aansa cimaa dabaluu fi oomishni oksijiinii wal’aansaaf oolu dabaluu isaa tuqaniiru.
Afrikaan dandeettii laabraatoorii ishee cimsuu ishee dubbataniiru, garuu keessumaa namoota baay'ee saaxilamoo ta'aniif hanqinni talaallii yaaddessaa ta'e akka jiru itti dabaluu dubbataniiru.
Forum