Prezidaant Joo Baayiden hoggantoota Afrikaa gara 50, jila isaanii waliin jiru akkasumas lammiilee Afrikaa kan hojii dhuunfaa fi hawaasa diyaaspooraa Ameerikaa keessa jiran keessummeessuuf jira.
Sarj Mombouli Ameerikaatti ambaasaaddara Rippabiliika Koongoo fi dura taa'aa Korporeeshinii Dippilomaasii Afrikaati. Walgahii Hooggantoota Amerikaa fi Afrikaa kanaaf qophaa’uuf ji’ootaaf qondaaltota Waayit Haawusii fi Ministeera Dhimma Alaa waliin hojjechaa akka turan RSA tti himaniiru.
Wannii irraa eegaa jirru, tokkoffaa, tumsi biyyoota Afrikaa tokkoon tokkoon isaanii fi Ameerikaa gidduutti sadarkaa biyyoota lamaattiakkasumas sadarkaa ardii Afrikaa fi Ameerikaa gidduutti cimuu qaba. Walgahiin kun Ameerikaan milkaa’ina Ajandaa 2063 Gamtaa Afrikaaf gumaacha akka ta’us barbaanna jedhan.
Ajandaan 2063 guddina hawaasummaa fi dinagdee hunda hammate, ida’amuu ardiilee fi naannoo, bulchiinsa dimokiraatawaa, nagaa fi nageenyaaf dursa kan kennu yoo ta’u, ardiin Afrikaa dirree addunyaa irratti taphattuu olaantummaa qabdu ta’uun akka deebi’ee dhaabbatu taasisa jedha Gamtaan Afrikaa.
Prezidaant Baaraak Obaamaa bara 2014tti walgahii hoggantoota Amerikaa fi Afrikaa isa jalqabaa waamuun isaanii ni yaadatama.
Forum