Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimed Badhaasa Hooggansa Addaa Badhaafaman


Ethiopian prime minister Abiy Ahmed /Fuula Feesbookii Muummee ministeeraa Abiy Irraa kan Fudhatame 12/13/22
Ethiopian prime minister Abiy Ahmed /Fuula Feesbookii Muummee ministeeraa Abiy Irraa kan Fudhatame 12/13/22

Muummichi ministeera Itiyoophiyaa Abiy Ahimad walga’ii hoggantoota Yunaayitid Isteetisii fi Afrikaa har’a jalqabame irratti hirmaachuuf Waashingitanitti argamu.Akka Waayit Haawus jedhetti, jilli biyyoota Afrikaa affeeraman 49 fi Gamtaan Afrikaa, miseensota waldaalee siivikii fi damee dhuunfaa ni hirmaatu

Har’a Waashingitanitti, muummichi ministeeraa badhaasa hoggansa Afrikaa adda ta’e akkaadaamii ga’umsa Ameerikaa fi Tumsa Abdii Addunyaa irraa fudhataniiru, kunis akka seenaa milkaa’ina Afriikaatti kaka’umsa Ityoophiyaan ashaaraa Magariisaa qabaatteef jecha.

Kaka’ums ashaaraa Magariisaa waggaa afuriif erga hojii irra oolee booda, lammiilee Itoophiyaa miiliyoona 25 guutuu biyyattiitti sochoosuun biqiltuu biliyoona 25 dhaabne, kunis lammii Itiyoophiyaa tokkoof biqiltuu 250 waliin ga’uu dha jechuun muummichi ministeeraa Abiy haasawa simatama isaanii dhageessisaniin dubbataniiru

“Har'a kaka’umsi Dhaala Magariisaa Itiyoophiyaa sagantaa bosona dhaabuu fi bosona deebisanii dhaabuun bakkatti deebisuu bal’aa kan Amaazoon-tti aanu dha” jechuun ibsaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG