Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqattoonni Jabuutii Gargaarsa Ga’aa Argataa HIn Jirru Jedhan


UNHCR logo
UNHCR logo

Baqattoonni Eertiraa mooraa Alii Adeh ka Jibuutii keessa jiraatan VoA'tti akka himanitti, hanqina nyaataa, tajaajila eegumsa fayyaa, fi biyyoota sadaffaatti qubsiisuun walqabatee rakkoon isaan mudachaa jiraachuu dubbatan.

Baqattoonni kun, ji’atti nama tokkoof daakuu kiiloo 6 fi firaankii Jibuutii 1000 akka argatani dubbatu, kunis gahaa miti jedhan. Rakkoon biraa mooraa baqattootaa keessatti isaan mudate hanqina tajaajila fayyaa ti.

Akka namoonni eeruu kennan jedhanitti, yeroo rakkoon fayyaa isaan mudatu hunda tajaajilli yaalaa waan hin jirreef mooraa keessatti yaalamuu hin danda'an. Baqattoonni kunis waggoota 8 hanga 14tti gara biyyoota sadaffaatti qubsiisamuuf carraa tokko malee haala hamaa keessa jiraachaa turuu isaanii himaniiru.

Dhimma kana irratti VOAn yaada akka kennu gaaffii dhiheesseef deebii kan kenne UNHCR jalqaba bara kanaa raashiniin nyaataa baqattoota Jibuutii keessaaf WFPn kennu sababa addaan cituu ujummoo dhiyeessii mudateen gara dhibba irraa harka 50%tti gadi cabuu isaa ibseera. Ji'a darbe irraa eegalee garuu hanga guutummaan kennamuu jalqabeera jechuun UNHCR ibseera.

Komii tajaajila fayyaa ilaalchisee dhaabbatichi akka jedhetti, Jibuutiitti baqattoonni lammiilee biyyattii qixa tajaajila fayyaa biyyaalessaa akka argatan, taasifameera.

Bara 2022tti, akka gumaacha tattaaffii fi waadaa Mootummaan gale deeggaruutti, "UNHCR wiirtuuwwan yaalaa biyyoolessaa keessatti baqattootaaf qoricha ittisaa fi wal’aansaaf oolu paakeejii 176 kenneera" jechuun deebiin iimeelii dhaan kenname ibsee jira.

Mirga qubsumaa ilaalchisee, UNHCR akka jedhetti, adeemsi qubsumaa akka addunyaatti weerara COVID-19n dhiibbaa guddaa kan irraan gahe yoo ta’u, sababa daangaa sochii mootummoonni biyyaalessaa tatamsa’ina dhibee kanaa to’achuuf kaa’aniin iddoowwan argachuun baay’ee hir’ateera.

"Dabalataanis biyyoonni hedduun qaama hojimaata salphisuu ta'uun daangaa idil-addunyaa isaanii cufaniiru, kunis dhimmoota fudhatama qabaniif deebi'anii qubsumaa akka tursiifamu taasiseera" jechuun ibseera

Mootummoonni sababaa weerara COVID-19 uggura sochii kaa’anii kaanis daangaa isaanii waan cufaniif jecha baqattoota gara biyya sadaffaatti hojiin sochoosuu gad xiqqaachuu isaa UNHCR hubachiiseera.

Waggaa kana garuu Jaarmiyichi baqattoota fudhatama aragatan gara biyya sadaffaatti hojii geessuu kan jalqabu ta’uu beksisee jira.

Jabuutii, Eertraa, Somaaliyaa, Yemenii fi Itiyoophiyaa irraa kannen ta’an baqatoonni kuma 35 mooraa baqataa afur keessa kan jiraatan ta’uun beekameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG