Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Afriikaaf Deggersa Doolaara Biliyoona $55 Kennuuf Waadaa Seente


FAAYILII - Prezidaantii Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden
FAAYILII - Prezidaantii Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden

Yunaayitid Isteetis waggoota sadan dhufan keessatti Afrikaaf Doolaara biiliyoona 55 akka kennitu angawaan Waayit Haawus tokko beeksisan.

Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa Jake Sullivan walgahii hoggantoota Yunaayitid Isteetisii fi Afrikaa dura ture kana kan dubbatan.

Sullivan akka jedhanitti maallaqni kun qormaata ijoo yeroo keenyaa furuuf dameelee adda addaaf raabsama..

Qabeenya baay’inaan dhiyeessaa jirra. Akkasumas waan Ameerikaan waggoota sadan dhufan keessatti raawwachaa jirtu fi waan biyyi kamiyyuu raawwachaa jirtu yoo wal bira qabdanii ilaaltan, haala gaariin walitti qabaa jirra jedheen yaada jedhan. Prezidaant Joo Baayiden hoggantoota Afrikaa kudhannii ol as Waashingitan D.C.tti simatanii jiran.

Prezidaantichi Gamtaan Afrikaa miseens biyyoota G20tti akka makamuuf akkasumas ardittii irraa miseensa dhaabbataa gola naga eegumsaa kan tokkummaa mootumootaa akka ta’u deggersa qaban illee ni labsu jedhamee eegama. Baayiden erga aangoo qabatanii as michoota Yunaayitid Isteetis kannee Asia, Awrooppaa fi giddu galeessa bahaa keessaa daawwataniiru.

Erga prezidaantii ta’aanii as Afriikaa hin daawwatin jiru.

A

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG