Xurree ittiin seenan

Breaking News

Arjoomtonni Caasaalee Yukireen Miidhaan Irra Ga’e Bakkatti Deebisuu Gargaaruuf Marii Geggeessaa Jiran


Russia Ukraine War
Russia Ukraine War

Faransaay Kibxata har’aa konfiraansii haleellaa Raashiyaan bu’uuraalee biyyattii irratti raawwattu ilaalchisee Yukireeniin gargaaruu irratti fuuleffachuun arjoomtoota sadarkaa addunyaa walitti fiddeetti.

Walgahiin kun bakka bu’oota mootummaa akkasumas dhaabbilee fi jaarmolii gargaarsaa kanofitti hammate yoo ta’u, kaayyoon isaas Yukireen haleellaan Raashiyaan raawwattus bu’uuraalee misoomaa kanneen akka ibsaa fi enerjii akka hojjetan gochuuf deggersa maallaqaa fi meeshaalee ishee barbaachisan kennuu dha.

Pirezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon Raashiyaan “ummata Yukireen abdii kutannaa keessa galchuuf” yaalaa jirti jedhan, galmi konfiraansii kanaas ummanni Yukireen “ yeroo qilleensi qabbanaa’aa ta’e kana keessa akka darbu” gargaaruu dha jedhan.

Prezidaantiin Yukireen Volodymyr Zelenskyy konfiraansii kana irratti viidiyoo dhaan haasawaa kan taasisan yoo ta’u, biyyi isaanii akkuma loltoota isheef konkolaataa hidhannoo barbaaddu jenereetaroota elektirikii akka barbaaddu hirmaattootaaf himaniiru.

Preezdaantiin Komishinii Awurooppaa Ursulaa von der Leyen akka jedhanitti, Gamtaan Awurooppaa hospitaalota Yukireen humna elektiriikaan kan gargaaran jenereetaroota 40 fi jenereetaroota 800 guutuu biyyattii keessatti iddoowwan birootti akka fayyadamaniif dhiyeessaa jira.

Von der, biyyoonni deeggarsa Yukireenif taasisan qindeessuuf, akka gaariitti fayyadamuu fi saffisiisuuf waliin hojjechuuf waan danda’an gochuu akka qaban kan dubbatan yoo ta’u, waraanni Raashiyaan dinagdee fi tajaajila bu’uuraa Yukireen irratti geggeessaa jirtu deebii deggersaa cimaa akka gaafatu dubbataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG