Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawoonni Ameerikaa Muummee Ministeera Itiyoophiyaa Waliin Mari’atan


US-AFRICA-DIPLOMACY-SUMMIT
US-AFRICA-DIPLOMACY-SUMMIT

Angawoonni gameeyyiin Yunaayitid Isteetis walgahii hoogganoota Ameerikaa fi Afrikaa Waashingitanitti adeemsifamaa jiru cinatti hoggantoota Afrikaa waliin marii biyyoota lamaanii ilaalchisuun gaggeessaa jiru.

Haaluma kanaan Ministirri dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antoonii Blinken kaleessa muummicha ministeera Itiyoophiyaa Abiy Ahimad waliin marii taasisaniiru.

Muummichi ministeera Itiyoophiyaa Abiy Ahmed Alii fi ani hojii irra oolmaa Waliigaltee lola dhaabiinsaa ilaalchisuun hanga ammaatti guddina mul’atee fi walii galteeleen Naayiroobii fi Pirtooriyaa, qaamotiin maraan guutummaatti hojii irra ooluun dhiibbaa gaarii geessisu irratti mari’annee jirra jechuu dhaan ministriin dhimma alaa twiitara isaanii irratti barreessaniiru.

Muummichi ministeerichaa marii sanaan kan dhugaa jechuun ibsaniiru. “nagaa fiduuf tattaaffii nuti goonuuf gumaacha isaan godhaniif Yunaayitid Isteetisiin galateeffachuu koo ibseeraaf jedhan. Itiyoophiyaan kurna hedduuf Afriikaa keessaa michuu Ameerikaa ijoo taatee turteetti. Kanaaf michummaa keenya mala cimsuu danda’u irratti illee mari’annee jirra jechuu dhaan twitara isaanii irratti barreessaniiru.

Muummichi ministeeraa Abiy Ahimad gorsaa nageenya biyyoolessaa Ameerikaa Jake Sullivan waliin dhimmoota hedduu irratti marii ijaaraa taasisaniiru, kanneen akka hojiirra oolmaa walitti bu’iinsa dhaabuu, jalqabbii haaromsa siyaasaa fi dinagdee mootummaa fi hariiroo seena qabeessa biyyoota lamaanii haaromsuun karaa itti fufuu dabalatee mari’achuu isaanii waajjirri muummicha ministeera Itiyoophiyaa ibsee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG