Ityoophiyaatti naannoo Saboota, Sabaa fi Ummataa Kibbaa Gofaa Goofaa keessatti namoonni 150,000 ol gogiinsa hamaa naannoo sana mudateen miidhamuu irraa kan ka’e gargaarsa nyaataa hatattamaa barbaada.
Bulchaan olaanaa godina Goofaa Dr Getnet Begashaw Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti akka himanitti, gogiinsi jireenya naannoo sanaa gaaga’uu itti fufeera.
UNOCHAn gabaasa dhiheenya kana baaseen akka jedhetti, namoota gargaarsa hatattamaa barbaadan keessaa dhibbaa irraa harki 50 gadi sababa maallaqa gahaa dhabuu fi qormaata qaqqabummaa irraa kan ka’e akka biyyaatti xiyyeeffatama.
Godina sana keessaa aanaalee hongeen miidhaman Zaalaa, Ubaa Debretsehaay fi hanga tokko aanaalee Dambaa Gofaatu keessatti argama. Jiraattota keessaa haadha ijoollee sadii kan ta’an aadde Qacoo Bellexee sababaa hongeen rakkoof saaxilamnee jirra jedhu.
Midhaan waan hin jirreef boqqolloo kuntaala tokko kan duraan qarshii 500 bitaa turre amma kuma lamaa fi dhibba lamaan bitaa jiraachuu himanii kunis beeladaaleen qonnaa gurguramuu isaaniin kanka’e ta’uu ibsaniiru.
Forum