Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashiyaan Magaalaa Guddoo Yukireen Kiiv Irratti Haleellaa Diroonii Raawwatte


Drones attack in Kyiv
Drones attack in Kyiv

Raashiyaan magaalaa guddoo Yukireen Kiiv irratti diroonii Iraan hojjetteen raawwatame gamoo bulchiinsaa lama miidhuu angawoonni Yukireen roobii har’aa himaniiru. Lubbuun namaa darbe jiraachuu fi dhiisuu isaa battalumatti ifa hin turre.

Waraanni Yukireen akka jedhetti ittisi qilleensaa ishee diroonii Shaahed 13 kuffiseera, gosii diroonii kanaa kan Raashiyaan magaalota Yukireen hedduu irratti haleellaa bal’aa raawwachuuf itti fayyadamte.

Roobii har’aa ganama prezidaantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii haasaa gama viidiyoon paarlaamaa Niiw Ziilaandiif dhageessisaniin, haleellaan Raashiyaa lageen faaluu, albuuda dhagaa mancaasuu fi keellaawwann keemikaalaa barbadeesse jechuun seera tumtootaaf ibsaniiru.

Zelenskiin Niwuu Ziilaand qabsoo walabummaa fi haqaaf taasiftu keessatti Yukireeniin warra jalqabaa deeggaran keessaa tokko ta'uu ishee galateeffataniiru.

Akkasumas konfiraansii lama kan biyyoonnii fi dhaabbileen gara 70 gargaarsa doolaara biiliyoona 1 ol kennuuf waadaan galan geggeessameen booda kanneen biyya isaanii deeggaran galateeffataniiru

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG