Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oolmaa Gumii Hooggantoota Yunaaytid Isteesi fi Afrikaa Guyyaa 2ffaa


Oolmaa Gumii Hooggantoota Yunaaytid Isteesi fi Afrikaa Guyyaa 2ffaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:18 0:00

Oolmaa Gumii Hooggantoota Yunaaytid Isteesi fi Afrikaa Guyyaa 2ffaa

Gummii Hooggantoota Yunaaytid Isteets fi Afrikaa harraa guyyaa lammaffaaf geggeeffamaa oole Diinagdee Ameerikaa fi Afrikaa irratti daldalaa fi invastimantii gam- lamaa guddisuu irratti xiyyeeffate. Hojii gaggeessitoonni olaanoo fi hoggansi damee dhuunfaa dhaabbilee Ameerikaa fi Afrikaa 300 ol irraa Hoggantoota jilaa wajjiin walgahuudhann invastimantii dameewwan murteessoo ta’an kan akka fayyaa, bu’uuraalee misoomaa, anniisaa, daldala qonnaa, fi dijitaalaa irratti mari’ataniiru.

Waltajjii “Fulleeffannaa Jijjiiruu: Egeree Hariiroo Daldalaa fi Invastimantii Yunaaytid Isteetsii fi Afrikaa, mata duree jedhu jalatti geggeeffame kana irratti Bakka Bu’aan Ministira Daldalaa Yunaaytid Istees fi Afrikaa irraa hoggantoonni Morokoo fi Keeniyaa haasaha dhageechisaniiru.

Hooggantoota Itoophiyaa mariiwwan geggeeffaman irratti hirmaatan keessaa Abban Alangaa Waliigalaa Itoophiyaa Obboo Geediyoon Ximmotiwoos tokko turan.

Karaa biraatin Muummeen Ministiraa Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad fi jilli isaanii gumii geggeeffamaa jiru irratti affeerramuu mormuudhan haawaasni Oromoo naanoo walgahin itti geggeeffamuu fi wajjiraalee motummaa Yunaaytid Isteets kaan birratti kaleessaa jalqabee mormii dhageechisaa jiran. Kutaa Minisootaa irraa hiriira irratti hirmaachuuf kan argaman Aaddee Layilaa Abbaa Waarii dubbisne. Hoggantoota Itoophiyaa irraa dhufan dhimmoota kana irratti dubbisuuf yaaliin goone amma ammaatiti in milkoofine.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG