Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Baayiden Hoggantoota Afrikaa Irbaata Afeeran 


Biden Africa Summit
Biden Africa Summit

Prezidaantiin Yunaayitd Isteets joo Baayiden hirmaattotaa walga’ii Afrikaa fi Yunaayitid Isteets masaaraa mootummaa keessatti irbaataa Afeeranii jiru. Sirna afeerraa Irbaataa Roobii kaleessa galagala taasifamee kana irratti Prezidaanti Seenegaali fi duraa taa’aa gamtaa Afrikaa Maakii Saal wajjin qodaa dhangaa itti dhugaa jiran walbiraa qabanii olkaasanii tokkummaa Afrikaa fi Yunaayitid Isteets kan ibsan Prezidaant Baayiden, “ tokkoo taanee adduunyaa naga qabeessaa fi ffayya qabeesaa ta’ee uumuu , carraa caala walqixa ta’e, carraa haqaa, carraa badhaadhinaa caalaa ta’ee nama hundaafuu umuu ni dandeenyaa jedhanii jiru.

Afrikaa keessatti felannoo deemokraatawaa ta’ee taasisuu irratti Yunaayitid Isteets michuu amanamtuu akka taate kan ibsan prezidaant Baayden, waggoottan Sadan dhufaanuuf Inveestimentii Afrikaa keessatti taasifamuuf kan oluu qarshiin Doolaara Biiliyoonii 55 wixata dheengaddaa mootummaa Yunaayitid Isteets mirkaneessuun isaa kan jalqabaa ta’uu isaa ibsaaniiru.

Yunaayitid Isteets daldalaa fi Inveestimentii dhuunfaa gargaaruudhaaf jecha doolaaraa Biiliyoonii 15 kan biraa ramaduu ishees prezidaant Baayiden ibsanii jiru. Karaa biraatiin ministirri dhimma alaa Yunaayitid Isteets Antoonii Bliinken “waliin hojjannoon Afrikaa wajjin jiraachuu qabuu waa’ee maallaqaa qofa miti. Inuumaayyuu, wa’ee gidiraawwan jajjaboodhaa fi barbaachisaa ta’n duraa akka hawaasaa adduunyaatii waliin dhaabbachuudha “ jedhanii jiru.

Itti dabaluudhaanis, “ yoo tokko taanee hojjanne, yoo jabeenyaa keenyaa walitti fiduu dandeenye, egeeree lammiilee keenyaa badhaadhinaa fi naga qabeesaa ta’e mirkaneessuu akka dandeenyyu amantaa cimaan qaba jedahniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG