Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaan Mootummootaa Gargaarsi Namoomaa Naannoo Tigraay Dhaqqabuu Itti Fufe Jedha


FAAYILII - Konkolaataa qarqaarsa fe'ee gara Tigraya deemaa jiru, Sadaasa 16, 2022
FAAYILII - Konkolaataa qarqaarsa fe'ee gara Tigraya deemaa jiru, Sadaasa 16, 2022

Yaadachiisa ariifachiisaa waailoota keenya Itiyooophiyaa irraa nuu erganiin, walii galtee araaraa sana booda gara naannoo Tigraay seenuun suuta suutaan fooya’inni argamaa jira jechuu dhaan dubbi himaan tokkummaa mootummootaa Isteefen Dujaaric ibsa tuuta oduuf kennaniin beeksisaniiru. Nyaataa fi dhiyeessiin kanneen biroon kara daangaa Affaarii fi Amaaraa golee afuriin gara Tigraay seenaa jira.

Sadaasa 15 hanga Muddee 8 yeroo jiru keessatti mootummaan Itiyoophiyaa fi michoonni keenya konkolaataa 1,600n midhaan metric toonii 63,800 olii fi dhiyeessii eegumsa fayyaa, qubsuma, barnootaa fi dhiyeessii bishanii, qulqullina ittiin eeggatan ittiin eeggatan meetrik toonii 4,000 dhiyeessaniiru jedhan. Nyaataawwan madaalamaa fi meeshaaleen eegumsa fayyaa illee qilleensaan deddeebsananiiru jedhaniiru. Balaliin gargaarsa namoomaa kan idilee deebii nuti dhaqqabuuf goonu ol kaasuuf hanga danda’ametti deddeebi’aa jiru jedhan.

Sochiin konkolaataa gargaarsa namoomaa hojjattootaa kan jalqabaa Maqalee irraa gara Shiree, Tigraay-tti godhamus Muddee 9 kan raawwatame yoo ta’u, ergasii as itti fufee jira. Haa ta’u malee, bal’ina fedhii fi kanaan dura gargaarsa addaan citee ture ilaalcha keessa galchuun, dhiyeessiin kun heddumminaan akka itti fufu gochuu qabna jedhan dubbi himaan kun.

Gama biraatiin ammoo Aksum fi Shiree dabalatee bakka tokko tokkotti daandiin elektirikii fi telekoomii deebisanii dhaabuu eegalaniiru. Kunis hojiiwwan gargaarsa namoomaa fi hawaasa isaan tajaajilan irratti dhiibbaa gaarii kan qabu yoo ta’u, tajaajila bu’uuraa ummataaf kennamu deebi’anii jalqabuu irratti garuu fooya’iinsi dabalataa barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Affaarii fi Amaaraa keessaa naannolee walitti bu’iinsi keessatti geggeessame keessattis hojiin gargaarsaa fi deebisanii dhaabuu cimee kan jiru yoo ta’u, keessumaa naannolee ummanni buqqa’e deebi’aa jirutti, nageenya fooyya’aa hordofuun hojiin gargaarsaa fi deebisanii dhaabuu barbaachisaa dha.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG