Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaan Aksuumii fi Adwaa Tajaajila Ibsaa Argatan


Naanoo magaala Aksum, Naannoo Tigraay, Bitootessa 18, 2021
Naanoo magaala Aksum, Naannoo Tigraay, Bitootessa 18, 2021

Magaalaan Aksuumii fi Adwaa tajaajiila Eleektrikaa argachuu isaanii dhaabtii tajaajiila Eleektrikaa kan Itiyoophiyaa ibsee jira.

Dhaabata kanaaf daayreekteera komunikeeshinii kan ta’an Obbo Malaakuu Taayyee RSAf akka ibsanti, toora shiree irraa diriirfame kan kilo voltii 66 irraan magaalonni kun human eleektrikaa argatan.

Magaalaalee bulchiinsa naannoo Tigraay kanneen biroonis yeroo gabaabaa keessatti tajaajiila kana akka argachuu danda’aniif, suphamnii sararaa gaggeeffamaa akka jiru ibsanii jiru.

Dhaabatii tajaajiila Eleektrikaa sababaa wal waraanasa Kaaba biyyatti keessatti gaggeeffameen bu’uura misoomaa irratti waan qarshii miliyoona 2.8 baasisuu barbadaa’uu isaas ibsameera jechuun, Gabree Gabra Madhin gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG