Waraanni Yunaaytid Isteetis haleellaa qilleensa irraa haaraa marsaa lama loltoota al-Shabab kanneen Somaaliyaa kutaa Hirshabelle keessatti raawwachuu gabaasee jira.
Waraanni Amerikaa Afrikaa keessaa ibsa baaseen, Muddee 14 fi 17 naannoo magaalaa qarqara galaanaa Adaleetti haleellaa “of ittisuu waloo” lama garee kana irratti raawwachuu isaa ibseera.
Haleellaan kun kan gaggeeffame gaaffii Mootummaa Federaalaa Somaaliyaa biraa dhiyaateen akkasumas, humnoota Raayyaa Ittisa Biyyaa Somaaliyaaf deeggarsa gochuuf akka ta’e ibsamee jira.
Haleellaan jalqabaa Moqaadishoo irraa gara kaaba bahaatti kiiloo meetira 176 fagaatee kan gaggeeffame yoo ta’u, hidhattoonni torbatu ajjeefame. Haleellaan lammaffaan Moqaadishoo irraa gara kaaba bahaatti tilmaamaan kiiloo meetira 220 fagaatee kan raawwatame yoo ta’u, loltoonni al-Shabab saddeet ajjeefamuun ibsamee jira.
Waaltaan ajaja wanaa Amerikaa kan Afrikaa keessaa qabdu ykn Afriikoom faana bu’iinsa jalqabaa gaggeesseen namoonni nagaan ykn sivilonni hin ajjeefamne akkasumas hin madoofne.
Afrikoom haala jiru hordofuu akka itti fufuu fi akka barbaachisummaa isaatti odeeffannoo dabalataa kan kennu ta’u ibsa baaseen hubachiisee jira.
Mootummaan Somaaliyaa Muddee 15 akka gabaasetti naannoo ganda Juhay fi Gulane kan Godina Hirshabelle keessatti al-Shabab irratti duula gaggeessaa ture.
Duula michoota addunyaa waliin ta’uun sa’aatii 48f gaggeeffame kanaan loltoonni al-Shabab 88 akka ajjeefaman mootummaan ibseera. Kunis yeroo baay’ee haleellaa qilleensaa biyyoonni michoota waraana Somaaliyaa ta’an hirmaachuu isaanii kan agarsiisudha.
Forum