Hojii irra oolfama kan deggeran sooressaa fi hawwii guddaa kan qabu Siiriil Raamaafoosaan, himata saamicha maallaqaa ji’ootaaf isaan rakkisee tureen miidhaa guddaa irra ga’us, wiixata har’a irra deebi’amee hogganaa paartii biyya bulchaa jiru Kongiresii Biyyoolessaa Afrikaa (ANC) ta’uun filataman.
Kongiresii Biyyoolessaa Afrikaa waggoota kurna sadiitti dhiyaatuuf aangoo irra yeroo jiru kanatti, Raamaafosaan marsaa lammaffaa mataa biyyaa ta’uuf tarkaanfii fudhatame dha.
Garuu maanguddoon umriin 70 kun yeroo jalqabaaf bara 2017 hogganaa dhaabaa ta’uun yeroo filataman sana caalaa yeroo ammaa adaan wal qooduu gadi fagoo paarticha keessa jiruun Raamaafosaan raafama keessa jiru.. Kongiresii Biyyoolessaa Afrikaa paartii Nelson Maandeellaan qabsoo sirna Appaartaayidii xumuruuf hundeessan ture.
Raamaafoosaan bara 2018 yeroo pirezidaantii ta'an Afrikaa Kibbaaf ''barii haaraa'' akka ta'u waadaa galan. Garuu suuraan isaanii yeroo Sanaa himata irratti dhiyaateen dinagdeen jedhame kan hin mul'anne ta'eera.
Raamaafosaan jalqaba baatii kanaa mana qonnaa ofii cabsuun maallaqa dhoksuuf yaalan jedhuun, himannaa aangoo irraa kaafamuu banuuf yaaliin mormitootaan durfaman irraa hafan.
Forum