Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqattoota Ruwaandaatti Deebisuu Kan Ilaaleen Manni Murtii Magaalaa Landan Jiru Murteessuuf Jira


FAAYILII - Baqattoota andhaara galaana Doover
irraan Biriteen seenan, Ebla 15, 2022
FAAYILII - Baqattoota andhaara galaana Doover irraan Biriteen seenan, Ebla 15, 2022

Abbootiin murtii kan mana murtii olaanaa Landan keessa jiruu, mootummaan Biriteen koolu galtoota gara Ruwaandaatti erguuf karoorrii qabu seera qabeessa ta’uu fi dhiisuu isaa irratti wiixata har’a murteessuuf jiru.Sababiin isaas Mummichi Ministeera biyyatti Rishi Sunak hegeree isaanii godaantoota bidiruu xixiqqoodhaan dhufan kanneen lakkoofsaan hedduu ta’anii fi galmaa’an dhaabuu irratti fulleefatanii jiru.

Waliigaltee baatii Eblaa keessa irra ga’ameen, Biriteen godaantota kuma kurnaan lakkaa’aman kanneen seeraan ala qarqara galaanaa biyya ishee gahan gara fageenya kilo meetra 640 irrtti argan]mtu Ruwaandaatti erguuf karoorfattee turte.

Hojii jarreen Rwaandaatti deebisuu kanaaf kan ooluu balaliin xayyaaraa kan jalqabaa baatii Waxabajjii keessa ajaja sa’atii dhumaa Mana Murtii Mirgoota Namoomaa Awurooppaa (ECHR) irraa kennameen kan uggurame yoo ta’u, booda irra seera qabeessummaan tarsiimoon kanaa gamaaggama abbaa seerummaa Mana Murtii Olaanaa Landanitti taasifamee mormee jira.

Dhimma kana irratti Abbootiin murtii Jonathan Swift fi Clive Lewis murtii isaanii ni kennu jedhamee eegama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG