Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Zalanskiin Deggersa Caasaa Ittisa Qilleensa Irraa Jajjabeesuuf Gargaarsa Gaafatan


Prezidaantii Yukireen Volodymyr Zelenskyy, Kiyiv, Muddee 9, 2022
Prezidaantii Yukireen Volodymyr Zelenskyy, Kiyiv, Muddee 9, 2022

Raashiyaa Wiixata har’a haleellaa xayyaara nam maleeyyii ykn Droonii kan magaalaa guddoo Yukireen Kiiv irratti xiyyeeffate gaggeessuu ishee Yukreen beeksiiftee jirti.

Kunis, prezidaant Volodymyr Zelenskyy michoota isaaniin haleellaa Raashaan gaggeessaa jirtu irratti, caasaa ittisa qilleensaa kan Yukreen akka jajjabeessaniiffi gargaaran irra deebi’uun waamicha eega dhiyeessanii sa’aatii muraasa booda.

Waraanni Yukireen diroonii ofiin dhohiinsa gaggeessan 35 Raashiyaan furguggifte keessaa 30 kuffisuu ibsee jira. Bulchiinsi magaalaa Kiiv Telegram irratti akka beeksiseetti diroonii sana keessaa 23 magaalaa Kiyeev irratti xiyyeeffataniiru.

Angawoonni Kiiv odeeffannoon duraa argataniin, lubbuun namootaa darbe akka hin jirre kan ibsan yoo ta’u, haleellaa diroonii kana hordofuun naannoo Kiiyeev keessa kan jiru maddi annisaa Yukreen cufiinsa hatattamaa akka gaggeessu ibseera.

Raashiyaan irra deddeebiin haleellaa xayyaara nam maleeyyii gargaaramuun, magaala Kiiyeev fi magaalota Yukireen biroo haleellaa kan turte yoo ta’u, yeroo baay’ee bu’uuraalee misoomaa murteessoo ta’an kanneen akka dhaabbilee humnaa ykn eneerjii fi bishaanii irratti xiyyeeffattee jirti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG