Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoo Bara 2020 Ilaalchisee Qorannaan Amerikaa Keessaatti Gaggeefamu Ibsamaa Jira


Koreen Kongireesii jeequmsa bara darbe Guraandhala 6 mana maree Yunaaytid Isteetis irratti geggeeffame qoratu, Muddee 2, 2020
Koreen Kongireesii jeequmsa bara darbe Guraandhala 6 mana maree Yunaaytid Isteetis irratti geggeeffame qoratu, Muddee 2, 2020

Filannoo pirezidaantii Yunaaytid Isteetiskan kan bara 2020 wal qabatee dhimmi gonkumaa hin xumuramnee keessaa boqonnaan tokko Wiixata xumuramuutti jira.

Koreen kongireesii jeequmsa bara darbe Guraandhala 6 mana maree Yunaaytid Isteetis keessatti mudate qorate akkaataa Pirezidaantiin duraanii Doonaald Tiraamp erga Joo Baaydeniin injifatamanii booda, waayit Haawus keessaa turuuf jecha attamititi himachuuf akka yaalan irratti madaallii ummataa isa dhumaa dhiyeessee jira.

Gareen mana maree bakka bu’oota uummataa qorannoo ji’oota 16f gaggeessee kan gaaffiifi deebii ragaalee 1,000 ol of keessaa qabu, galmeelee fuula kumaatamaan lakkaa’aman kanneen torban dhumaa pirezidaantummaa Tiraamp waggaa afuriin walqabatan qorachuu fi yakka ilaalacha dhaddacha ummataa 10 kan nama hawwatu of keessatti hammate qaba.

Kunis Tiraamp fi hiriyyoonni prezidaantichatti dhiyeenya qaban “yaalii fonqolcha mootummaa” irratti bobba’aniiru kan jedhu xumuura itti tolchuuf deema.

Koreen kun Dimookiraatota torbaa fi paartii Rippabilikaanotaa irraa kan farra Tiraamp ta’uun sagalee guddaa qaban lama of keessaa qaba.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG