Angawoonni Paakistaan Wiixata har’a rakkoo booji’amtoota halkan tokkotti mudate furuuf mari’achuu itti fufanii jiru. Kunis, buufata polisii farra shoroorkeessummaa jedhamu keessatti a shakkaman 10 ol qondaaltoota polisii butanii booda.
Hidhamtoonni kunneen gara Afgaanistaan nagaadhaan akka darban gaafachaa jiru. Yoo kana tole jedhaman, kanneen Baanuu keessatti iggitamanii jiran kan gadhiisan ta’u ibsan.
Goolii itti fufee jiru magaalaa waraanaa bulchiinsa daangaa Khyber Pakthunkhwa kaaba dhiha keessatti yoo xiqqaate poolisoonni lama du’uu fi qondaala waraanaa dabalatee namoonni hedduun madaa’uun gabaafamee jira.
Miidhaan kun kan mudate, yeroo humnoonni nageenyaa dhaabbilee kana deebi’anii to’achuuf yaalan, namoota booji’amtoota of harkaa qaban waliin walitti bu’iinsa uumameen jeeqamsii erga jalqabee yeroo muraasa booda.
Forum