Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Barreessaan Tokkummaa Mootummootaa Tuuta Oduuf Ibsa Kennan


FAAYILII - Muummichi barreessaan tokkummaa mootummootaa Antooniyoo Guteres,Caamsaa 9 2022
FAAYILII - Muummichi barreessaan tokkummaa mootummootaa Antooniyoo Guteres,Caamsaa 9 2022

Muummichi barreessaan tokkummaa mootummootaa Antooniyoo Guteres, gamtaan Afriikaa Itiyoophiyaa keessatti nagaa buusuuf tattaaffii inni godhu abdii dhaaf sababaa dha jechuu dhaan ibsa tuuta oduuf kennan kan dhuma waggaa irratti dubbatanii, dhiyeenya mootummaa federaalaa fi TPLF gidduutti walii galtee nagaa mallatteessame illee tuqanii jiran.

Lola dhaabuu fi hojii irra oolchuu ilaalchisee walii galteen irra ga’amee jira jedhan. kutaa biyyattii gama kaabaa gargaarsaaf daandiin banamuu jalqabuu isaa illee dubbataniiru.

Muummichi barreessaan xumura waggaa irratti rakkoolee addunyaa mudate ka biroos tuqaniiru.

Addunyaan bara 2022 keessa rakkoo hedduun isee mudatee jira, kaan kan nuti beeknu, kaan immoo waggaa tokko dura kan nuti hin yaadnetu nu mudate jedhan.

Itiyoophiyaan rakkoon nageenyaa isee mudatee ennaa jiru kanatti illee waggaa haaraa abdii dhaan eegaa jirti jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG