Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tajaajilli Baankii Magaalaalee Tigraay Keessaa Jalaqabuun Gabaasame


FAAYILII - Maamila Bankii ashinii ATM keessaa maallaqa baafattu
FAAYILII - Maamila Bankii ashinii ATM keessaa maallaqa baafattu

Baankiin daldala Itiyoophiyaa tajaajila baankii Shiree, Alaammaaxaa fi magaalaa Korem keessatti jalqabee jira.

Baankiin daldalaa kaleessa ibsa baaseen, naannolee tuqman keessatti dameeleen jiran maallaqa biyya alaa fi biyya keessaa ergamu herrega baankiitti galchuu jalqabuu isaanii beeksisee jira.

Baankiin daldala Itiyoophiyaa magaalaalee kana keessatti tajaajila hawaalaa jalqabuu jiraattonni VOAf ibsniiru. Akka jiraattonni jedhanitti maallaqa erguuf kan ergame illee fudhachuu danda’u. maallaqa isaaniis herrega baankiitti galchuu akka danda’an, garuu maallaqa daddabarsuu ykn baafachuu akka hin dandeenye dubbatu jechuu dhaan Gerbremikaa’el Gerbremediin gabaasee jira.

Akka waliigalticha keeyyata 2 (b)tti mootummaan federaalaa, yeroo waliigalame keessatti tajaajiloota barbaachisoo naannoo Tigraay keessatti deebi'anii akka banamuun akka saffisiisuu qindeessuu qaba.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG