Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haalli Naannolee Yukireen Kan Raashiaann To’attee Rakkoo Keessa Jiru Jedhu Hoogganaan Raashaa


FAAYILII - Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin Muddee 17, 2022
FAAYILII - Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin Muddee 17, 2022

Haalli kutaalee Yukireen afur kan jalqaba bara kanaa Raashaan gara ofiitti dabalte jedhan akkaan rakkisaa ta’uu Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin Kibxata kaleessaa beeksisanii jiran.

Puutiin miseensota tajaajila nageenyaa Raashiyaa waliin haasawa taasisaniin, baha Yukireen naannoo Donetsk fi Luhansk, akkasumas kibba Kherson fi Zaporizhzhia ibsaniiru.

''Ummanni achi jiraatu, isin lammiilen Raashiyaa, isin irratti, eegumsa keessan irratti hirkatu,'' jedhan Puutiin.

Raashiyaan naannolee afran qaama himannaa Puutiin Adoolessa keessa ofitti makamuuf dhiheessan keessaa tokkollee guutummaatti to’attee hin beektu. Tarkaanfiin isaan fudhatan kun hawaasa addunyaa irraa fudhatama dhabe.

Puutiin Kibxata har’aa, dhaabbati nageenyaa olaanaa Raashiyaa FSB daangaa biyyattii fi biyyattii keessatti hordoffii akka cimsu gaafataniiru.

Yaadni isaanii kun kan dhaga’ame erga daawwannaa hin baratamne Minsk-tti geggeessanii guyyaa tokko booda.

Ajajaan gamtaa humna waraanaa Yukireen Serhiy Nayev, walgahiin Puutiin gita isaanii Beelaaruus waliin taasisan ''weerara dabalataa Yukireen irratti raawwatamuu fi humnoonni waraanaa Beelaaruus duula Yukireen irratti gaggeeffamu keessatti hirmaannaa bal'aa, keessumaa, akka yaada keenyaatti, kan lafoos geggeessuuf jedhu jennee amanna jedhan.

Puutiin ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, ''Raashiyaan eenyuunuu dhuunfachuuf fedhii hin qabdu,'' jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG